Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2019(FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa riifoormii mootummaa Ida’amuun daran jabaate, yeroo ammaa kana gaachana amansiisaa faayidaa biyyaalessaafi birmadummaa Itiyoophiyaa ta’eera.
Qaama raayyichaa kan ta’e Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa birmadummaa biyyattii kabachiisuu keessatti qooda seena qabeessa qabu teeknooloojii ammayyaa waliin walitti qindeessuun boqonnaa haaraarra gaheera.
Humni qilleensichaa harka warreen kaanii eeguurraa gara of danda’uutti ce’eera.
Humni qilleensichaa giddugaloota suphaa ijaarsiseen jeettiiwwan waraanaa, helkooptaroota geejjibaafi waraanaa, xiyyaarota leenjii garaagaraa suphuu, fooyyessuu fi ammayyeessuuf dandeettii guutuu ijaarrateera.
Milkaa’inni kun sharafa alaa baraaruurra darbee ce’umsa teeknooloojiifi beekumsaa qabatamaan mirkaneesseera.
Gama kanaanis safartoo qulqullinaafi gahumsaa isaa gara sadarkaa olaanaatti ceesiseera.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa jeettiiwwan ammayyaa Su-30 jedhaman hidhachuun dandeettii qilleensarratti haleeluu isaa guddiseera.
Jeettiiwwan kunneen haala rakkisaa keessatti ergama isaanii bahachuuf dandeettii addaa kan qaban yoo ta’uu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.
Teeknooloojiiwwan humni qilleensichaa hidhate diina fageenyarraa adda baasuufi sosochii diinaa hordofuuf dandeettii kan qabudha.
Waraanni qilleensarraa jabana kanaa balalliifi dhohiinsarra darbee waraana elektirooniksii ammayyaa irratti kan hundaa’edha.
Gahumsi humni qilleensichaa gama Kanaan qabu olaantummaafi qophaa’ummaa teeknooloojii diinaa dursee fashaleessuun madaala humnaa waraanaa duubatti deebisuuf dandeettii addaa qaba.
Dabalataanis humni qilleensichaa riifoormii humna namaa irratti xiyyeeffateera.
Haaluma Kanaan balaliistota, injinaroota suphaafi ogeeyyii teekinikaa qulqullina olaanaan leenjisuun qooda olaanaa bahachaa jira.
Seenaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa seenaa gootummaa qofa osoo hin taane, seenaa gara fuulduraatti imaluu, haaromsaafi abbaa teeknooloojii ta’uus ni dabalata.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa