Finfinnee, Ebla 23, 2017 (FMC) –Kalaqnii fi ogummaan ariitiin dabaalame carraa hojii itti fufiinsaan uumuuf murteessaa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa Guyyaa Hojjettootaa Idil Addunyaa sababeeffachuun ergaa baga geessannii dabarseera.
Guyyichi mata duree “ Indaastiriwwan Oomishaa fi dhaabbilee Tajaajila kennaniif bakka hojii mijataa Haqa Hawaasummaaf” jedhuun akka Addunyaattti yeroo 136ffaaf akka Itiyoophiyattti immoo yeroo 50ffaa kabajamaa jiraachuu ibseera.
Itiyoophiyaan guyyaa Hojjettootaa Idil Addunyaa wayita kabajju nageenya Indaastirii, nageenya hojirraa fi ogummaa hojjettootaa guddisuuf xiyyeeffannoo adda kennuun akka ta’ee eeereera.
Hojjettoota, waldaalee hojjettootaa fi dhaabbileen leenjii, Indaastirii fi nageenyaa biyyaalessaaf gahe bahataa jiraniif bekkamtii kennuun ,hojjechiiftonni immoo bakka hojii mijataa uumuufi nageenya bakka hojiif kennan kan jajjabeeffamu ta’uu Tajaajjilli Kominkeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.
Imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasisuuf qabatteen dameeleen qonnaa, diinagdee, maanuufakcheeringi, albuudaa, tuurizimii fi diinagdee diijitaalaan ogummaa fi tattaaffii hojjettootaa kan gaafatu ta’uun ibsameera.
Mootummaan hojjetootaaf leenjii ogummaa bal’aa karaa dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa fi filannoowwan biroon dhiyeessaa jiraachuu kaaseera.
Inisheetiiviin Koodeersi Itiyoophiyaa miiliyoona 5 akka fakkenyaatti kan kaafamu ta’uu himeera.
Sagantichi addunyaa dijiitaalaa kan ammaa fi kan fuulduraaf ga’umsa barbaachisu akka horatan kan isaan gargaaru yoo ta’u, akkakuuwwan leenjii giddugaleeyyii leenjii onlaayinii beekamoon kennaman afur of keessatti kan hammatuu dha.
Xiyyeeffannoowwan mootummaan Kalaqa hojiii fi hoji uumtotaaf kennaa jiru keessaa tokko yoo ta’u, gama kanaan bara kana dameewwan dinagdee hundaan hojiiwwan miliyoonni sadii ol uumamaniiru.
Mirgi lammiilee eegamee carraawwan hojii biyya alaatti akka hirmaataniif biyyoota bakka ga’umsaa hojjettootaa wajjin waliigaltee mootummaan uumeen carraawwan hojii biyya alaa kuma 300 fi kuma 40 ol uumamaniiru.
Carraa miijataa tekinooloojiin uume babal’isuunis carraawwan hojii fagoo uumamaniiru.
Kalaqawwan hojii haaraa akkanaa akka babal’ataniif carraawwan leenjii mootummaan miijeffaman kan akka kooderoota miliyoona shanii fi daandiiwwan ogummaa ofii fooyyeffachuuf dhuunfaan argaman fayyadamuun ofga’oomsuun barbachisaa dha.
Kana milkeessuufis tattaaffii dhaabbilee mootummaa sadarkaan jiranii kan gaafate yoo ta’ellee, fedhii jiruun yoo walbira qabamu hojiin dabalataa akka eegamu mootummaan ni hubata.
Kanaafis deebiiwwan imaammataa fi gochaa kalaqaa fi ariitii irratti hundaa’an qooda fudhattoota hunda irraa kan eegamanii dha.
Carraa kanaan dhaabbileen hawaasa siivilii, dhaabbileen barnootaa fi leenjii, dameen dhuunfaa, qooda fudhattoonni biroos qooda isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessa.