Finfinnee, Caamsaa 28, 2018(FMC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Hospitaala Minilik II’tti Giddugala qorannoo Fooransikiifi Sirna Summii eebbisaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana, Giddugalichi meeshaalee ammayyaa kan guuttate ta’uu ibsaniiru.
Hospitaalichi waggoota 116’f tajaajila kennuu yaadachiisanii, haa ta’u malee meeshaaleen ammayyaa kan hin guutamneef ta’uu eeraniiru.
Mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo damee fayyaaf kenneen meeshaaleen guutamuufiin tajaajiloota garaagaraa akka kennu gochuun danda’ameera jedhan.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, Giddugalichi qorannoo Fooransikii, DNA fi Sirna Summii kan kennuu ta’uu eeraniiru.
Biyyattiitti dhaabbileen qorannoo Fooransikii kennan shan qofa ta’uu kaasanii, Giddugalli kun biyyattiif dandeettii olaanaa akka uumu ibsaniiru.
Giddugalichi meeshaalee qorannoo reeffaa 80 qabaachuu eeranii, kunis tajaajila qulqullina qabu kennuun sirna haqaa akka deeggaru mirkaneessaniiru.
Qiddist Birhaanuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia