Kantiibaa Adaanech Abeebeen Wiirtuu Addaa Tajaajila Fayyaa Hospitaala Raas Dastaa hojii eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 3, 2018(FMC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Wiirtuu Addaa Tajaajila Fayyaa Hospitaala Raas Dastaa hojii eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Hospitaala Raas Dastaa keessatti dhukkubsattootaaf tajaajila fayyaa ammayyaa kan kennu Wiirtuu Addaa Tajaajila Fayyaa ijaarame tajaajila eegalchiisuu ifoomsaniiru.

Hospitaalli duraanii baay’ee dulloomuurraan kan ka’e mijataa akka hin turre kaasanii, Wiirtuun kun tajaajila fayyaa daran kan fooyyessu, teeknooloojiin ammayyaa kan guutamee fi tajaajila kennamaa ture dachaan kan guddisu ta’uu eeraniiru.

Wiirtuun kun meeshaalee ammayyaa oomishaalee bara 2026 fayyadaman kanneen akka MRI, Siitii Iskaanii, Altiraasaawundii, Eksireeyii bakkaa bakkatti socho’u, oomishaa ooksijiinii sa’aatiitti ooksijiinii liitira kuma 30 oomishu akka qabu eeraniiru.

Akkasumas siree ciibsanii wal’aanuu kanaan dura 147 ture irraa gara 360’tti, kutaaleen baqaqsanii yaaluu 3 irraa gara 7’tti akkasumas kutaan wal’aansa cimaa gara 19’tti guddachuu ibsaniiru.

Kutaaleen hojjettoonni itti aara galfatan, biiroleen ammayyaa, galmi walga’ii fi tajaajilli kaafteeriyaa hojjettootaa haala wal’aanamtootaaf mijatuun ijaaramuun tajaajilaaf gahaniiru jedhan.

Fedhiin tajaajila fayyaa magaalichaa mootummaa qofaan akka hin guutamne kaasanii, dameen dhuunfaa deeggaruun tajaajila wal’aansaa biyya alaa deemuun argatamu biyya keessatti kennuu danda’uun sadarkaa addunyaan damichaan irra gaherra gahuuf hojiileen eegalle ragaadha jechuun ibsaniiru.

Qaamolee milkaa’ina isaaf gahee isaanii bahatanis galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment