Kitaabni Ida’amuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame Afaan Chaayinaatti hiikamee dubbisaaf dhiyaachuuf

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Kitaabni Ida’amuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame Afaan Chaayinaatti hiikamee dubbisaaf dhihaachuuf akka jiru ibsame.

Jijjiirama biyyaalessaa bara 2010 hordofuun kan dhalatee fi Roodi maappii deemsa boruu Itiyoophiyaa ta’uun kan barreeffame kitaaba Ida’amuu afaan Chaayinaatti hiikamaa jiru xumuramaa akka jiru eerameera.

Ida’amuun falaasamota ardii Afrikaa waggoota kurnan darbanitti gara waltajjii addunyaatti ce’an keessaa isa tokkoo fi isa hangafa.
Yeroo ammaa kanatti falaasama man-dhalee Itiyoophiyaa kan ta’e yaad-rimee “Ida’amuu” ajandaa namoota baay’eedhaan xiyyeeffannoo guddaadhaan ilaalamu ta’aa dhufeera.

Chaayinaan hojii hiikkaa kitaabichaa xumuraa kan jirtu yoo ta’u, kanaan dura afaan Amaaraa, Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziitiin hiikamee raamsamuun alatti afaan Arabaa fi afaan Paakistaaniin (Urduu) dhiheenyatti hiikamee bifa miidhagaan eebbifamuun ni yaadatama.

Amma immoo waltajjii Chaayinaa namoota biliyoonaan lakkaa’amaniin dubbatamutti makamuuf boqonnaa isa dhumaarra akka jiru ibsameera.

Kitaabni Ida’amuu gara afaan Chaayinaatti hiikamuu fi biyyoota jajjaboo addunyaa keessatti kan ramadamtu Chaayinaa biratti xiyyeeffannoo argachuun isaa, hojichi hiikkaa kitaabaa olitti hiika tarsiimoo fi siyaasaa guddaa of keessaa qaba jedhameera.

Biyya akka Chaayinaa seenaa falaasama siyaasaa bal’aa fi dheeraa qabdu, kan baroota Ma’oo Zeedungi irraa kaasee hanga Deng Siyaa’oping, amma immoo hanga Pireezidanti Shii Jiinpiingitti toora siyaasaa (idoology) mataa ishee qabdu, “Ida’amuu” bifa ofisaalaawaa ta’een gara afaan isheetti hiikuun , Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti falaasama dhiibbaa geessisuu fi xiyyeeffannoo hawwatu gumaachuu danda’uu ishee kan mirkaneessuu dha.

Itiyoophiyaan boqonnaa seenaa baroota darbanii yaaddamoota alaa dhufan (Kaappitaalizimii / Soshiyaalizimii) ke

Comments (0)
Add Comment