Magaalichatti yeroon haaromsa waliigaltee kireeffataa fi Kireessaa dheerate

Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti yeroon haaromsa waliigaltee kireeffataa fi Kireessaa Kiraa manaa hanga Hagayya 30, 2018tti dheerateera.

Bulchiinsi magaalichi yeroon haaromsa waliigaltee kun hanga Adoolessa 30, 2018 akka ture ibsee turus, haaromsi waliigalee Kiraa Manaa kun hanga Hagayya 30, 2018tti dheerachuu beeksiseera.

Mootummaan dhiibbaa jireenyaa hir’isuu fi seera alummaa fi hojmaata seera maleessa gabaa Kiraa Manaarratti mul’atu ittisuuf daballiin Kiraa Manaa % 11.5 akka ta’u murteessuun ni yaadatama.

Kana hordofee kireeffattoonnii fi Kireessitoonni Manaa guutuu magaalichaa keessatti argaman hanga Adoolessa 30, 2018tti waliigaltee isaanii akka haaromsan himamus, amma hanga Hagayya 30, 2018 dheerachuu bulchiinsi magaalichaa himeera.

Gaaffii ummataa bu’uura godhachuun yeroon haaromsa waliigaltee kun akka dheeratu taasifamu ibsame.

Jiraattonni magaalichaa waajjira kutaalee Magaalaa, aanaalee, Giddugala Tajaajila Iddoo Tokkoo Masoobitti argamuun ragaalee barbaachisan qabachuun tajaajila argachuun kan danda’an ta’uu ibse.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment