Miidiyaaleen madda dhugaa fi hafuura biyyaa ta’uu qabu – Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC)- Miidiyaaleen waca irratti osoo hin taane, furmaata irratti xiyyeeffachuun madda dhugaa ta’uun hafuura biyyaa ta’uu qabu jedhe Paartiin Badhaadhinaa.

Paartiin Badhaadhinaa mata duree ‘Miidiyaan Hafuura Biyyatti ‘ jedhuurratti xiyyeeffateen ibsa baaseera.

Guyyaa Miidiyaalee idil Addunyaa sababeeffachuun tibbana waltajjiin miidiyaalee gaggeeffamuu yaadachiisuu, waltajjichaan milka’inoota damee Miidiyaaleen argamanirratti mariin bal’aan taasifamuu ibseera.

Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti milkaa’inoota damichaan argamanirratti yaadoonni garaagaraa dhiyaachuun irratti mari’atamuun ummataaf ergaan darbeera.

Yaadoota fi ergaawwan darban keessa tokko Miidiyaaleen hafuuraa biyyaa ta’uu akka qaban ibsameera.

Wayita Hafuurri gaariin hin jiraanne biyyi tasgabbii dhabdi ,wayita tasgabba’uu immoo biyyi ni guddatti ni badhaatis jedhe Paartichi ibsa isaan.

Waggoottan saddeettan darban dirreen diimookiraasii baname bilisummaa qofaaf osoo hin taane itti gaafatamummaa dabalataa jedhe.

Imalli Miidiyaalee hanqinoota qabaatuus milkaa’inoonni galmaa’an abdaachiisoo ta’uu ibseera.

Miidiyaaleen dirree diimookiraasii babal’isuuf tarkaanffiin fudhatan ijaarsa biyyaaf bu’uura cimaa kaa’aa jiraachuu himeera.

Haaluma kanaan hanqinoonni waggoottan darban mul’atan barnoota ta’uu qabuus jedhe Paartichi.

Guddinni miidiyaalee dhugaan kan mul’atu yaadoota garaagaraa gidduutti riiqicha ta’uun waliigaltee biyyaaleessaa uumuuf hojjechuu akka ta’ees ibseera.

Comments (0)
Add Comment