Kantiibaa Adaanech Abeebeen Garee Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Garee Baankii Addunyaa waliin dhimmoota hariiroo cimsanirratti mari’ataniiru.

Hariiroo bara dheeraa waliin qabnu caalmaatti cimsuu fi sadarkaa olaanaatti guddisuuf marii bu’aa qabeessa taasifneerra jedhan KantiIbaa Adaanech ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Itti aansuunis tumsa keenya bal’isuun, pirojektoota haaraa waliinii qopheessuu fi hojiirra oolchuun, misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu fi jireenya jiraattota fooyyessuuf waliin hojjechuurratti marii gaarii taasifneerra jedhan.

Kantiibaa Adaanech, Baankiin Addunyaa hojii dhiyeessii Bishaan dhugaatii fooyyessuu, dhaabbilee balfama qulqulleessan, damee geejjibaa fi misooma dameewwan biroo magaalichaaf deeggarsa taasise galateeffataniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment