Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Hoggantoonni garee seeraan alaa ABUT konkolaattoota 830 ol gara Ertiraatti fudhataniiru jedhan Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraayitti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsaa fi Tajaajila Ummataa obbo Asaffaa Abrahaan.
Jilli Mootummoota Gamtoomanii fi Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa hoggantoota bulchiinsa Imaanaa naannoo Tigraay waliin magaalaa Maqaleetti mari’ataniiru.
Hoggantoonni garee seeraan ABUT Ertiraatti kan argaman ta’uu fi Konkolaattoota 830 gara Ertiraatti fudhachuu isaanii obbo Asaffaa Abrahaan jilichaaf ibsaniiru.
Konkolaattoonni kunneen fudhatamuun isaanii dhaabbileen mootummaa hojii sirnaan akka hin raawwanne gufuu olaanaa ta’uu hubachiisan.
Bulchiinsi Imaanichaa yeroo kennameef keessatti nageenya bu’uuressuu, bulchiinsa diriirsuu, bu’uuraalee misoomaa fi tajaajiloota ummataa deebisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaa jiraachuu kaasan.
Fedhii deeggarsa namoomaa naannichaaf Yuuroo Miiliyoonni 700 ol kan barbaachisu akka ta’e dubbatan.
Hawaasni idil-addunyaa rakkoo namoomaa naannoo Tigraay keessatti jiru hubachuun, deebii deeggarsa isaa akka cimsu, akkasumas sochiiwwan nagaa fi tasgabbii naannichaa irratti dhiibbaa geessisan ifatti akka balaaleffatu waamicha dhiyeessaniiru.
Gizaachoo Girmaayeetiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa