Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018 (FMC)- Naannoo Afaaritti dhaabbiin biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “ Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun guyyaa har’aa eegalameera.
Sagantaa kanarratti Pireezidaantiin naannichaa obbo Awwal Arbaan, biyyeen naannoo Afaar biqiltuu gosa kamiiyyuu biqilchuu akka danda’u qabatamaan argameera jedhan.
Naannichatti hojiileen damee Ashaaraa Magariisaan eegalaman cimanii akka itti fufan ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Hawaasni dhaabbii biqiltuu kanarratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia