Finfinnee, Adoolessa 24, 2018 (FMC) – Balaa lolaa karaa qindoomina qabuun hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Bishaanii fi Inerjii Dooktar Habtaamuu Ittafaa.
Koreen Istiriingii Proojektii Ittisa Lolaa Itiyoophiyaa yaa’ii idilee 6ffaa har’a geggeesseera.
Waltajjiin kun raawwii hojii proojektichaa bara baajata 2018 gamaggamuu, bu’aawwan argaman sakatta’uu fi karoora bara baajata 2019 raggaasisuu kan kaayyeffatedha.
Dooktor Habtaamuu Ittafaa yeroo kanatti akka dubbatanitti, hojiiwwan hanga ammaatti proojektichaan hojjetaman naannoolee balaa lolaatiif saaxilaman hedduu balaa irraa ittisuu dandeessisaniiru.
Dabalees, ooyiruuwwan qonnaa bal’aan sababa lolaan qannaan ala turan gara oomishaatti akka deebi’aniif gumaacha gochuu ibsaniiru.
Proojektichi lammiilee hedduudhaaf carraa hojii uumuu fi socho’insa dinagdee naannoolee dammaqsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.
Adeemsa raawwii proojektichaa keessatti harkifannaa caalbaasii, hawaasa biratti hubannoo gahaa uumuu, qabiinsa odeeffannoo fi bulchiinsa sanadaa cimsuu fi gufuulee biroo fooyyessuuf fuulduraaf xiyyeeffannoon akka hojjetamu dhaamaniiru.
Proojektichi fayyadamummaa hawaasaa akka dabaluu fi balaa lolaa karaa qindoomina qabuun hir’isuuf gamtaan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Gama biraatiin, qindeessaan proojektichaa Obbo Tamasgeen Katamaa, bu’uuraaleen misoomaa ittisa lolaa, sulula laggeenii fi hojiiwwan eegumsa naannoo proojekticha jalatti hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessuu ibsaniiru.
Naannoolee balaa lolaatiif saaxilaman waaraan sodaa irraa bilisa gochuuf kutannoodhaan kan hojjetamu ta’uu mirkaneessuu isaanii Ministeerri Bishaanii fi Inerjii Faanaa Dijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia