ONLF Milkaayinni Misoomaa galmaa’uu eegale akka cimuuf ga’ee koo nan ba’a jedhe

Finfinnee, caamsaa 4, 2018(FMC) – Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) naannoo Somaaleetti milkaa’inotni misoomaa waggoota jijjiiramaa keessa galmeeffaman cimanii akka itti fufaniif gumaacha narraa eegamu ba’uuf qophii dha jedheera.

Dura-taa’aa Itti-aanaan Addichaa Ahimad Yaasiin akka ibsanitti, jijjiiramaan dura naannoo Somaaleetti sirna siyaasaa loogii irratti hundaa’ee fi haqamummaa hin qabne bu’uureffachuun qabsoo bosonaa keessa akka ture yaadachiisaniiru.

Haa ta’u malee, biyyattii keessatti jijjiirama dhufe hordofuun haala siyaasaa mijataa uumameen qabsoo hidhannoo dhiisee qabsoo siyaasaa karaa nagaa geggeessaa akka jiru ibsaniiru.

Adeemsa qabsoo kana keessatti garaagarummaan ilaalchaa fi imaammataa akkuma eegametti ta’ee, dhimma birmadummaa biyyaalessaa, faayidaa biyyaalessaa fi nageenyaa akkasumas nageenya lammiilee irratti ilaalcha addaa tokkollee akka hin qabne ibsaniiru.

Naannoo Somaalee keessatti waggoota jijjiiramaa keessa nageenya waaraa dhufeef, akkasumas hojiiwwan misoomaa qabatamoo galmaa’aniif paartiin isaanii dinqisiifannaa akka qabus himaniiru.

Kun akka cimee itti fufuuf paartiin isaanii gumaacha irraa eegamu gochuuf qophii ta’uu hubachiisuu isaanii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Maqaa paartichaan baandonni humnoota hidhatan waliin gamtaa uumuun ergama alagaa fudhatanii badiif socho’an jiraachuus kaasaniiru.

Dhaabbileen ykn dhuunfaan ergama badii akkasii baatanii socho’an ONLF keessatti bakka tokkollee kan hin qabne ta’uu fi akka irratti qabsaa’an hubachiisaniiru.

ONLF filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuun naannicha keessatti hirmaannaa siyaasaa cimaa qabaachuu isaa akka agarsiisu ibsuun, qabsoo nagaatiin adeemsa ijaarsa sirna diimokiraasiif gahee isaa ba’achuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment