Oomishitummaa Mosee Wabii Nyaataa Mirkaneessuuf …

Finfinnee, Eebila 20, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaatti carraaqqii nyaataan of danda’uu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf taasifamu keessatti, sanyiiwwan midhaanii filataman irratti xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jira.

kanaaf ragaa guddaan bu’aa oomisha qamadii irratti argamedha.

Itiyoophiyaan qamadii alaa galchuu dhiistee hamma gabaa alaatti erguutti milkaa’uun ishee, biyyoota hedduuf fakkeenya ishee taasiseera.

Qamadiin alatti, birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf tarsiimoo qonnaa keessatti midhaan ijoo ta’anii filataman keessaa tokko mosee ykn dinichadha.

Giddu-gala Qorannoo Hoolataatti qorqttuun mosee Atsadee Solomoon Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti: moseen wabii nyaataa mirkaneessuun alatti, ce’umsa induustriitiif fi madda sharafa alaa ta’uufis shoora murteessaa taphachuu kan danda’udha.

Ameerikaa Kibbaatti bakkeewwan gaarren Andiyaan irratti kan argame moseen, jaarraa 16ffaa irraa eegalee Awurooppaatti akka beekame eeranii, lafa xiqqoo irratti oomisha kaalorii guddaa qabu kennuun namoota miliyoonaan lakkaawaman beela jalaa oolcheera.

Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1858tti saayintistii Jarman Shimper jedhamuun gara Itiyoophiyaatti kan gale yoo ta’u, jalqaba irratti akka biqiltuu boroo qofatti ilaalama ture.

Har’a garuu lafa hektaara kumni 400 fi kuma 56 ol irratti ni oomishama jedhamee tilmaamama.

Moseen midhaan biroo caalaa saffisaan kan ga’u yoo ta’u, iddoo xiqqoo irratti oomisha baay’ee kennuun beekama.

Haala qilleensaa garaagaraa waliin dafee wal baruu danda’uunis amala isaa ti.

Qotee bultoota Itiyoophiyaatiif yeroo hir’inni nyaataa mudatutti guyyoota 90 keessatti gahuun furmaata ariifataa ta’uunis beekama.

Hektaara tokko irratti oomisha hanga kuntaala 400 kennuu danda’uun humna oomishitummaa olaanaa qaba.

Oomishitummaa kana guddisuuf waggoota 50 dura eegalee wiirtuulee qorannoo garaagaraa keessatti hojiin qorannoo bal’inaan hojjetamaa jira.

Keessumaa sanyiiwwan dhukkuba dandamatan, oomishitummaan isaanii olaanaa ta’ee fi induustriidhaaf mijatan baasuu irratti xiyyeeffatameera.

Kanaanis sanyii sirna deeggarsa naannoo jireenyaa (eco-system) Itiyoophiyaa waliin wal simatu madaqsuun, waggaatti giddu galeessaan oomishni mosee toonii miliyoona 4.3 ol akka oomishamu ta’eera.

Hudhaalee moseen akka barbaadamutti akka hin oomishamneef gufuu ta’an keesaa hir’inni sanyii qulqullu argachuu isa tokko yoo ta’u, kunis sanyiin dhukkubaan akka saaxilamu taasiseera.

Gama biraatiin sirni daldalaa seeraan alaas gufuu guddaa ta’eera.

Yeroo amma moseen Itiyoophiyaa karaa seeraan alaa gara biyyoota ollaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaatti akka ergamu ragaaleen ni agarsiisu.

Kunis biyyattiin sharafa alaa argachuu qabdu akka hin arganne gufuu ta’eera.

Sirna sanyii mosee seera qabsiisuu fi ammayyeessuun, akkasumas hojimaata oomisha hordofuu danda’u diriirsuun, oomisha qulqulluu gabaa alaatti dhiyeessuu fi fedhii biyya keessaa guutuun akka danda’amu eerameera.

Kanaaf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuun barbaachisaa dha.

Dabalataanis, sona dabaluun mosee gara daakuu, chiipsii fi oomishaalee birootti jijjiiruun, waarshaalee babal’isuun oomishni akka hin badnee fi qotee bultichi gatii fooyya’aa akka argatuuf ni gargaara.

Milkaa’inni Itiyoophiyaan oomisha qamadii irratti galmeessite mosee irrattis irra deebi’amuu akka qabu qorattuun kun eeranii; yeroo gabaabaa fi lafa xiqqoo keessatti oomishni olaanaan argamu kun, imala bilisummaa nyaataa, carraa hojii uumuu fi galtee induustrii ta’uuf humna guddaa akka qabu ibsaniiru.

Yonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment