Oromiyaatti namoota kuma 300’f qorannoon dhibee Daranyoo Sombaa taasifame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti namoota kuma 300’f qorannoon dhibee Daranyoo Sombaa taasifameera jedhe Biiroon Fayyaa Naannichaa.

Godina Jimmaatti dhibbee Daranyoo Sombaa ittisuuf hojiin qindoomina mootummaa Kooriyaa waliin hojjetamaa jiru guyyaa har’aa Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa Jung Kaangiin daawwatameera.

Wayita kana Oromiyaatti baatiiwwan saglan darban keessa namoota kuma 300’f qorannoon dhibee Daranyoo Sombaa taasifamuun namoota kuma 32 irratti dhibichi argamuu ibsameera.

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayireektarri Ittisaafi Too’annoo Dhukkubaa obbo Darajjee Adduunyaan, namoota dhibichaan qabamaniif wal’aansi taasifamuu ibsaniiru.

Godina Jimmaattis namoonni 189 dhibichaan qabamuu Itti gaafatamaaa Waajjira Eegumsa Fayyaa godinichaa obbo Fu’aad Saabit eeraniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment