Finfinnee, Caamsaa 20, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa 34ffaan har’a taphoonni sadi ni taphatamu.
Waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemi Finfinneetti Magaalaan Hawaasaa Buna Itiyoophiyaa waliin taphata.
Sa’aatuma walfakkaatuutti Magaalaan Dirre Dhawaa Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Qidduus Giyoorgis waliin morkata.
Akkasuma galgala sa’aatii 12:00 jalqabee Machaal Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Aarbaa Minci waliin falmata.
Bunni Sidaamaa qabxii 58’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 52’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.
Aarbaa Minci qabxii 29’n, Maqalee 70 Indaartaan qabxii 34 fi Dirre Dhawaan qabxii 35’n kilaboota sarara gadii keessa jiraniidha.
#Oromia #Ethiopia