Pirojektoonni gurguddoon ijaaramanii xumuramanii fi ijaaramaa jiran Badhaadhina hundagaleessa eegalame milkeessuuf agarsiiftuudha – Aadde Ayinaalem Nugusee

Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Pirojektoonni gurguddoon ijaaramanii xumuramanii fi ijaaramaa jiran Badhaadhina hundagaleessa eegalame milkeessuuf agarsiiftuudha jedhan Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen.

Magaalaa Bishooftuutti waltajjiin marii Uummataa kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachise mata-duree “Labsiiwwan Gubaa; Injifannoowwan Mootummaa Ida’amuu” jedhuun mari’atameera.

Jiraattonni maricharratti hirmaatan, waggoota jijjiiramaa darban duudhaa hammattummaafi sab-daneessummaa bu’uureffachuun hojiiwwan hojjetamaniin bu’aalee abdachiisaan argamuufi irraas fayyadamaa jiraachus  dubbatan.

Milkaa’inootni hedduun argamanis, hanqinni  bu’uuraalee misioomaa jiran furamuu akka qaban gaafachuun, hojii mootummaan hojjatu kamiyyuu tumsuuf qophii ta’uu waadaa galan.

Bulchiinsi magaalichaas gaaffilee hawaasarraa ka’an deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaan himaniiru.

Pirojektoonni gurguddoon mootummaa jijjiiramaan Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran,ijaaramanii hojii eegalan Badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf carraaqqii biyyattiin taasisaa jirtu agarsiisa jedhan maricharratti kan argaman Ministirri Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen.

Marii kanarratti Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Afaar obbo Mohaammad Huseenfi hoggantoonni biroon argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment