Finfinnee, Adoolessa 14, 2017(FMC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa gahumsa amansiisaa haleellaa kallattii kamirraayyuu yaalamu qolachuu danda’urratti argama jedhan Itaamaajoor shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Ajajni Giddugalaa Daalool sagantaa xumuraa hojiilee garaagaraa mata duree “ Bu’uura Cimaa irratti Injifannoo Olaanaaf ni Hojjenna” jedhuun gaggeessaa ture magaalaa Jimmaatti gaggeesseera.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan saganticharratti akka jedhanitti, ergamni Raayyaa Ittisa Biyyaa inni ijoon biyya eeguufi birmadummaa biyyaa kabachiisuu waan ta’eef qophii isaa cimsee itti fufeera.
Raayyichi Itiyoophiyaa cimsuufi kabaja ishee eeguun itti fufsiisuuf gahumsa amansiisaa irratti akka argamu ibsaniiru.
Ajajni Giddugalaa Daalool naannawaa Kibba Lixa Itiyoophiyaatti nageenya kabachiisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa turuu yaadachiisanii, ammas cimsee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Nageenyi dhimma dursi kennamuuf ta’uufi qaamoleen bakkeewwan garaagaraatti hidhatanii socho’an karaa nagaatti akka deebi’an yaadachiisuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.