Finfinnee, Adoolessa 28, 2018(FMC) – Uummanni Itiyoophiyaa uummata tumsaa fi cichoominaan hojjechuun seenaa galmeessisuun beekamuu dha.
Kanaaf ammoo injifannoon Adwaa fi Hidha Haaromsaa Guddicha irratti galmeessise akkasumas sagantaan ashaaraa magariisaa irratti galmeessisaa jiru ragaa quubsaadha.
Bara sagantaan ashaaraa magariisaa hojiirra ooluu eegalerraa kaasee uummanni biyyattii waggaa waggaan ashaaraa isaa kaa’uun qabsoo jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasifamu keessatti dammaqinaan hirmaachuun gootummaa isaa mul’isaa jira.
Waqtii gannaa roobaafi qorraaf osoo hin jilbeenfatiin Itiyoophiyaaf ashaaraa kaa’uu, waqtii bonaa ammoo biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuu amaleeffateera.
Dhaloota egereef biyya magariituufi lalistuu dhaalchisuuf cichoominaan hojjechuus itti fufeera.
Bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu biiliyoona 8.5 dhaabuuf kutannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, uummanni biyyattii nuffii tokko malee dammaqinaan irratti hirmaachaa jira.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo har’a guutuu biyyattiitti gaggeeffame irrattis hirmaachuun karoora dhaabuuf qabamee ol biqiltuu miiliyoona 800 fi miiliyoona 5 fi kuma 300 dhaabuun cichoominaafi tumsaan wayita hojjetu raajii hojjechuu akka danda’u addunyaatti agarsiiseera.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia