Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa qalbii miidiyaalee idil addunyaa haawwate

Finfinnee, Adoolessa 28, 2018 (FMC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan duulli guyyaa tokkoo kaleessa gaggeeffame qalbii miidiyaalee idil addunyaa haawwateera.

Guyyaa kaleessaa Itiyoophiyaanonni miiliyoonni 26 waloon ta’uun biqiltuuwwan miiliyoona 800 fi miiliyoona 5 ol dhaabuun seenaan hojjetan qalbii miidiyaalee idil addunyaa hawwateera.

Itiyoophiyaanonni hirmaannaa guddaa fi miira abbummaan seenaa hojjetan miidiyaaleen alaa dinqisiifannaa olaanaan gabaasaniiru.

Wayita addunyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa fi sodaa gammoojjummaa hamaa keessa jirtuutti Itiyoophiyaan humna ofiin uwwisa bosonaa guddisuun maddeen bishaanii baraaruuf hojiin hojjetaa jirtu murannoo ummataa fi mootummaa kan agarsiisu jechuun gabaasan.

Addatti Imbaasiwwan Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraatti argaman tumsitoota idil addunyaa waliin ta’uun sagantaa dhaabbii biqiltuu gaggeessuun isaaniin sagantichi sadarkaa idil addunyaatti babal’achuu isaaf agarsiiftuu ta’uu eerame.

Miidiyaaleen idil-addunyaa sochii guddaa biyyaalessaa kana bal’inaan gabaasuun isaanii, Itiyoophiyaan Eegumsa Naannoo fi misooma waaraa mirkaneessuuf kutannoon qabdu Afrikaaf qofa osoo hin taane addunyaa hundaaf fakkeenya guddaa ta’uu mirkaneessa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment