Sagantaa Ashaaraa magariisaa tumsa mootummaafi uummataa cimse

Jijjiiramaan as inisheetiiviiwwan mootummaan ida’amuu hojiirra oolchee bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiran keessaa sagantaan ashaaraa magariisaa adda durummaan ka’a.

Bu’aa sagantaan kun argamsiiseen Itiyoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti beekamtiifi badhaasa gonfatteetti.

Biyyoonni hedduunis tattaaffii jijjiirama qilleensaa ittisuuf godhaniin sagantaa guddaa Itiyoophiyaan addunyaaf gumaachite kana akka fakkeenyaatti fudhachuu eegalaniiru.

Milkaa’ina sagantaa kanaaf tattaaffiin mootummaa akka jirutti ta’ee qoodni lammiilee akka salphaatti kan ilaalamu miti.

Lammiileen biyyattii xiqqa guddaan, beekaa wallaalaan, jaarsaafi jaartiin osoo hin hafiin nuffii tokko malee fedhiifi jaalala isaaniin waggoottaniif ashaaraa isaanii kaa’aa jiru.

Miiliyoononni gamtaan ba’uun biqiltuuwwan biiliyoonatti lakkaa’amu dhaabuun biyya isaanii magariisa uwwisaniiru.

Haala kanaan hojiirra oolaa kan jiru Sagantaan ashaaraa magariisaa madaala uumamaa eeguurra darbee biyyattiif bu’aalee diinagdee fi hawaasummaas buuseera.

Keessattuu hariiroo hawaasummaa gabbisuufi tumsa mootummaafi uummataa cimsuun milkaa’ina guddaa kan argamsiisedha.

Keessumaa wagga waggaan duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon uummanni bariin bahee ashaaraa isaa kaa’uu amaleeffateera.

Duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Kanaan riikardii isaa fooyyessaas dhufeera. Bara darbe biqiltuuwwan miiliyoona 700 fi miiliyoona 14 ol dhaabuun seenaa galmeessiseera.

Bara kana ammoo guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuuf guyyaa qabateera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad tibbana ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Ijoolleen biyya koo qaqqaaliin, guyyoottan kanatti qophii barbaachisaa akka gootan, kutannoon akka kaatanii fi injifannoo tokkummaa keenyaan galmeessisnu akka dhugoomsinuuf waamicha koon dhiyeessa” jechuun dhaamuun isaanii kan yaadatamudha.

Maarree “Waamicha ulfinaa hafuun salphina” akkuma jedhamu waamicha biyyaa kana kabajuun dirqama lammummaa bahachuun barbaachisaadha.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment