Tajaajilli Gidduugala Tokkoo Masob Magaalaa Naqamtee Eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Tajaajilli Gidduugala Tokkoo Masob Magaalaa Naqamtee har’a eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’eera.

Kantiibaan magaalaa Naqamtee Obbo Masarat Haayiluu wayita kana akka jedhanitti, gidduugalli kun tajaajiloota dhaabbilee mootummaa diijitaala gochuun tajaajila si’aataa fi haqa qabeessa kennuu dandeessisa.

Hojimaata badaa dhabamsiisuun, gaaffilee bulchiinsa gaarii furuu cinatti, yeroo fi humna tajaajilamaa akka qusatus ibsaniiru.

Gidduugalli kun hojimaata dhaabbilee ammayya’aa gochuun foddaa 12 irratti tajaajiloota 128 bakka tokkotti kennuu akka dandeessisu dubbataniiru.

Giddu galichi jiraattota magaalichaa kuma 200 ol akka tajaajilus eeruudhaan isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment