Finfinnee,Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Taphoota mo’anii darbuu Waancaa Addunyaan morkiin har’a Ingilaandi DR Koongoo, Beeljiyeem ammoo Seeneegaal waliin taasisan ni eegama.
Har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee Ingilaandi Rippaablika Diimokiraatawaa Koongoo waliin taphatti.
Biyyoonni lamaan yeroo jalqabaaf waliin taphatu.
Akkasuma halkan sa’aatii 5:00 jalqabee falmiin Beeljiyeem Seeneegaal waliin taasiftu ni eegama.
Halkan Iyya Handaaqqoo sa’aatii 9:00 eegalee Ameerikaan Boosiniyaa waliin morkatti.
Taphoota mo’anii darbuu hanga ammaatti taphatamaniin Kaanaadaa, Moorookoo, Biraaziil, Paaraaguwaay, Noorweey, Faransaayii fi Meeksikoon marsaa itti aanuutti darbuu mirkaneeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia