Ulaan galaanaa dhimma seenaa, seeraa, haqummaa fi jiraachuufi jiraachuu dhabuuti

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa fedhii siyaasaa osoo hin taane gaaffii seenaa, seeraa, haqummaa fi dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.

Yeroo ammaa baay’ina uummataa miiliyoona 100fi miiliyoona 30 kan qabdu Itiyoophiyaan biyya guddoo addunyaarraa ulaa galaanaa hin qabnedha.

Dhugaan kun ammoo biyyattiin dameewwan diinagdeen, ji’oopolatiksii fi nageenyaan gatii guddaa akka baastu ishee dirqisiiseera.

Kun ammoo gaaffii ulaa galaanaa ishee guutummaatti seeraafi haqa qabeessa taasisa.

Gaaffiin Itiyoophiyaa seeraafi waliigalteewwan idil-addunyaa waliin guutummaatti kan walsimudha.

Seerri galaanaa Mootummoota Gamtoomanii keeyyanni 125 biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne mirga ulaa galaanaatti fayyadamuu akka qaban ni kaa’a.

Itiyoophiyaan gaaffii ishee kan kaastu bu’uura waliigaltee seera addunyaan ragga’eefi dippiloomasiin malee humnaan waan hin taaneef seera qabeessummaa isaa cimsa.

Bu’uura Kanaan biyya tokko ulaa galaanaa malee hambisuun akka mirga misoomuu ishee mulquutti fudhatama.

Uummanni miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 30 ulaa galaanaa isaa dhowwatamee, kiraa buufata biyya ollaa tokko irratti akka hirkatu godhamuun haqa qabeessa miti.

Kun uumamuun isaa Itiyoophiyaa baasii loojistiksii olaanaaf, qaala’iinsa gatii fi yaaddoo nageenyaaf saaxileera.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuun mirga misoomuufi badhaadhinaa uummata ishee kan mirkaneessu gaaffii haqa qabeessa.

Gaaffiin Itiyoophiyaa birmadummaa warreen kaanii kan dhiibu miti.
Fayyadamummaa waloofi qajeeltoo kennanii fudhachuun badhaadhina naannawaa uumuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii jiraachuufi jiraachuu dhabuu akkasumas haqa uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30ti.

Gaaffichi seera galaanaa idil-addunyaan kan deeggarame, guddina biyyattii kan mirkaneessu fi qajeeltoo misooma waloo biyyoota naannawichaa kan mirkaneessudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment