Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Waggoottan Jijjiiramaa darban Mootummaan gaaffiilee Ummataa karoora keessa galchuun hawaasa hirmaachisuun deebisaa tureera jedhan Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Waltajjiiin Marii Ummataa bakka hoggansi olaanaa Federaalaa, Naannoo fi kutaaleen hawaasaa argamanitti mata duree” Labsiiwwan Gubaa; Injifannowwan Mootummaa Ida’amuu” jedhuun Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Magaalaa Miizan Amanitti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Dooktar Biqilaa Hurrisaan akka jedhanitti, waggoottan torban darban mootummaan tokkummaa sabdaneessummaa eeguun akkaataa lammiilee hirmaachiiseen gaaffiilee deebisuun adeemsa ijaarsa Mootummaa cimaa ijaaruu bu’uureeffateen hojjeteera.
Mootummaan hariiroo gaarii ummata waliin qabu cimsuun waggoottan torban darban ce’uu ibsuun, jijjiiramichi tokkummaa biyyaalessaa cimseera jedhan Dooktar Biqilaan.
Kunis Itiyoophiyaanoonni hundi tokkummaa isaanii cimsanii faayidaa biyyaalessaa biyyattii kabachiisuuf ummanni fuuldura hiriiru akka uumamu taasisuu dubbataniiru.
Mootummaan Ida’amuu hiyyummarraa bahuun fakkeenya badhaadhinaa ta’uuf tattaaffiin taasisaa jiru akka milkaa’uuf tokkummaan keenya cimee itti fufuu qaba jechuun ibsaniiru.
Mootummaa Ida’amuu kan ummataa ta’e kana cimsanii itti fufsiisuuf lammiilee dhaggeeffachuun gaaffiilee ka’an deebisuuf mootummaan murannoo qabaachuu eeeraniiru.
Mariin ummataas Mootummaa fi Ummanni murannoo qaban itti fufsiissuufi Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf kan kayyeeffate ta’uu himaniiru.
Fireewu Alamaayyootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.