Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Waltajjii milkaa’inoota dameen hawaasummaan waggoottan darban galmaa’anirratti xiyyeeffachuun mata duree “Milkaa’ina misooma hawaasummaa ijaarsa biyyaaf” jedhuun qophaa’eerratti argamuun yaada koo qoodeera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Milkaa’inni damee hawaasummaa akka bu’uuraalee misoomaa biroo saffisaan mul’achuu baatus waarummaa biyyaalessaaf bu’uura murteessaadha jedhan.
Itiyoophiyaa qormaatilee hedduun ishee mudatus hanga yaadamee ol saffisa olaanaan ijaaramaa kan jirtu yoo ta’u, hanga fedhe hanqinaaleen jiraatanis dameen hawaasummaa hunda fooyyessuuf yaalameera.
Waan kaayyeffame hunda hojiitti hiikuun galma isaanii sirrii ta’e milkeessuuf hojii guddaa hojjechuu qabna jedhan.
Haa ta’uutii harki tokko qofti qofaa akkuma walitti hin rukutamne, hojiilee mootummaan hojjetaa jiru kutaaleen hawaasaa hundi itti gaafatamummaa fudhachuun tumsuu akka qaban hubachiisan.
#Oromia #Ethiopia