Wiixata Dhufu Godambaawwan Hundi Namoota Daawwataniif Banaa Ta’u

Finfinnee, Caamsaa 6, 2018 (FMC) – Guyyaa Godambaa Idil-addunyaa sababeeffachuun, Caamsaa 10, 2018 godambaawwan hundi namoota daawwataniif kaffaltii malee banaa akka ta’an Abbaan Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itoophiyaa beeksiseera.

Guyyaan Godambaa Idil-addunyaa mata-duree “Godambaawwan Addunyaa Hirame Walitti Hidhu”jedhuun akka addunyaatti yeroo 49ffaaf, Itoophiyaatti ammoo yeroo 24ffaaf kabajama.

Daarikteerri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Ababaaw Ayyaalaw akka jedhanitti, dhiyeenya kana socho’iin damee turiizimii biyyattii keessatti mul’atu godambaawwan hedduun akka ijaaraman dandeessiseera.

Godambaawwan duudhaalee waliinii agarsiisuun garaagarummaa dhiphisuu fi seenessa waloo uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabanis ibsaniiru.

Daarikteerri Olaanaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa Dooktar Yooseef Beekoo gama isaaniin, Yaadannoon Injifannoo Adwaa yaadannoowwan injifannoo addunyaa irratti argaman muraasa keessaa tokko ta’uu eeruun, guyyaan kun yeroo kabajamu injifannoo abbootiin keenya tokkummaa fi walitti hidhamiinsaan galmeessisan yaadachuun ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Maqidas Yeneehuntu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment