‎Oomisha Biyya keessaa dandeettii ofiin guddisuun bilisummaa diinagdee fi birmadummaaf bu’ura- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC)- Oomisha Biyya keessaa dandeettii ofiin guddisuun bilisummaa diinagdee fi birmadummaaf bu’ura jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, har’a Godina Gamootti kan daawwanne Warshaan Dhagaa Cilee ‘Yoo Hooldiingi’ baatii Hagayyaa bara 2017 hojii kan eegale yoo ta’u fedhii indaastiriiwwanii kan biyya keessaatiin bakka buusuun oomisha alaa galu kan hambise fi jiraattoota naannawichaaf carraa hojii kan uumedha jedhan.

Imalli qabeenya uumamaa biyyattii hojii cimaa biyya keessatti misoomsuun birmadummaa diinagdee mirkaneessuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment