Dargaggoonni ergama badii garee seeraan alaa ABUT’f saaxilaman gara daandii nagaatti deebi’uu qabu – Obbo Getaachoo Raddaa

Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) –Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaan Dargaggoonni ergama badii garee seeraan alaa ABUT’f saaxilaman gara daandii nagaatti akka deebi’an waamicha dhiyeessan.

Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Awwaluu Abdii fi Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaa, Giddugala leenjii haaromsaa Maqaleetti dargaggoota leenjii haaromsaa xumuran waliin mari’ataniiru.

Leenjitoonni kunneen % 16 ol hoggantoota Koorii hanga aangoo Kumalaa kan qabaniidha.

Lammiileen hidhannoon turan waamicha nageenyaa mootummaa fudhachuun leenjii haaromsaa leenji’uun isaanii naannoo Tigraayiif qofa osoo hin taane nageenya Itiyoophiyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu dubbatan obbo Getaachoo Raddaan.

Yeroo itti aanus hojiin leenjii haaromsaa caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessan.

Ammas dargaggoonni ergama badii garee seeraan alaa ABUT’f saaxilaman waamicha mootummaan dhiyeessetti akka fayyadaman hubachiisan.

Gizaachaw Girmaayeetiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment