Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Yuunivarsiitiin Addigiraat Adeemsa Baruu fi Barsiisuu idilee eegaleera.
Adeemsi baruu fi barsiisuu sababa rakkoo nageenyaa naannicha mudateen yeroof adda citee ture, amma barattoota buleeyyii fi haara barana simate dabalatee Koollejjiiwwan hunda keessatti barnoonni idilee eegaleera.
Muummee Barnootaa Koollejjiiwwan torba jalatti argan hunda keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu idileen eegaluu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Yuunivarsiitichaarraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa