Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Awwaluu Abdii fi Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaa, Giddugala leenjii haaromsaa hidhattoota duraanii magaalaa Maqaleetti argamu daawwataniiru.
Giddugalicha keessatti leenjii haaromsaa kennamaa jiruu fi hidhattoota duraanii gara jireenya idileetti deebi’aa jiran daawwataniiru.
Giddugalichi Yuunivarsiitii Maqalee Kaampaasii Mallasitti kan argamu yoo ta’u, hidhattoonni duraanii kuma 5 leenjii haaromsaa fudhachaa jiraachuun ibsameeera.
Leenjiin kun hidhattoonni duraanii hawaasatti akka makaman, jireenya idilee akka gaggeessanii fi hojii oomishtummaa keessatti akka hirmaatan taasisuun ijaarsa nageenya biyyaalessaa waaraa keessatti gahee olaanaa akka qabataniif ta’uun eerameera.
Ministirri Hojii fi Ogummaa Obbo Awwaluu Abdiin wayita kana akka jedhanitti, leenjichi dargaggoonni gara hawaasaatti yeroo deebi’an carraa hojii akka uummatan, sochii diinagdee keessatti akka hirmaataniifi of danda’anii akka jiraatan gargaara.
Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa gamasaatiin, Naannoo Tigraay keessatti nageenya waaraa mirkaneessuufi dargaggoota gara jireenya nagaa qabuutti deebisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.