Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Koree Qindeessituu Biyyaalessaa waliin adeemsa qophii Yaa’ii 32ffaa Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii gamaaggamaniiru.
Qophicha erga ilaallee booda tarsiimoo hojichi ittiin durfamu ilaalchisee kallattii keenyarra jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Yaa’icha milkaa’inaan keessummeessuuf, koreen hunda waldubbisaa akka hojjetan, adeemsa Mootummaa qindaa’aa hunda galeessa ta’e hordofuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
COP 32 Yaa’ii guddaa idil addunyaa ta’uurra darbee Ajandaa Itiyoophiyaa qabeenya qilleensaa fi eegumsa naannoo irratti qabdu guddisuuf, tumsa cimsuuf, invastimantii hawwachuuf, akkasumas tattaaffiiwwan biyyaalessaa bu’aa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf carraa guddaa kan uumu ta’uu kaasan.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa