Muuxannoo COP31, milkaa’ina COP32tiif

Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) –Qormaata addunyaa kan ta’e Jijjiirama qabeenya qilleensaa qindoominaan qolachuuf, biyyoonni addunyaa kallattiiwwan furmaataa waliinii kaa’uuf Turkiyyee magaalaa Antaaliyaatti Yaa’iin Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamaa jiru fufeera.

Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa, misooma anniisaa haaromfamaa fi eegumsa naannoon hojiilee hojjette muuxannoo ishee addunyaaf qoodaa jirti.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona deebisanii misoomsuu, lafa manca’e suphuu, madda bishaanii kunuunsuu, jijjiirama qilleensaa ittisuu fi qabeenya uumamaa dhaloota dhufuuf tursiisuurratti xiyyeeffata.

Waggoota saddeettan darbanis biqiltuuwwan akaakuu garaagaraa biiliyoonni 56 ol dhaabdeetti.

Kunis eegumsa naannoo, dinagdee magariisaa ijaaruu fi misooma waaraa dhugoomsuu, lafa manca’e suphuu, jijjiirama qilleensaa ittisuu fi qabeenya uumamaa dhaloota dhufuuf tursiisuurratti bu’aa qabatamaa galmeessaa jiru.

Akkasuma gadi lakkifama Kaarbanii qolachuun diinagdee magariisaa ijaaruurratti milkaa’inni argame dinqisiifannaa olaanaa argateera.

Kana malees, carraa itti fayyadama konkolaattota elektirikii babal’isuun, misooma magaalaa cimsuun, sirna qonnaa itti fufiinsa qabu guddisuun, akkasumas qabeenya uumamaa sirnaan fayyadamuun kallattiiwwan misoomaa tarsiimoo jijjiirama qilleensaa biyyattii cimsanidha.

Hojiileen eegumsa naannoo guddina diinagdee fi jireenya lammiiilee fooyyessuu waliin walsimsiisuun raawwatamaa jira.

Yaa’ii 31ffaan qabeenya qilleensaa mootummoota gamtoomanii yaa’ii 32ffaa bara dhufu Finfinneetti taa’amuuf muuxannoo gaggaarii fudhachuuf waltajjii gaariidha.

Yaa’icharraatti ciminoota turanii fi hanqinaalee mudatan adda baasuun Itiyoophiyaaf galtee gaarii ta’a.

Muuxannoowwan kanneen gara gochaatti jijjiiruun dandeettii qophummaa caalmaatti cimsuun, hirmaannaa lammiilee guddisuun qophii gahaa taasisuun murteessadha.

Yaa’ichi, imala misooma magariisaa, aadaa keessummeessummaa simachuu fi kutannoo Itiyoophiyaan furmaata waliinii addunyaa irratti qabdu ittiin agarsiiftu carraa seena qabeessa ta’a.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment