Aadde Alamituu Uumad waliin marii bu’aa qabeessa taasisne- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 10, 2018(FMC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Pireezidaantii naannoo Gaambeellaa aadde Alamituu Uumad waliin marii bu’aa qabeessa taasisneerra jedhan.

Mariisaaniin kunuunsa ijoollummaan duraa, misooma kooriidarii akkasumas hojiilee namarratti xiyyeeffatan biroorratti muuxannoo waliif qooduu eeraniiru.

Tumsa keenya cimsuun waloon hojjechuuf waliigalleerras jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment