Finfinnee, Adoolessa 8, 2018 (FMC) –Pireezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa fi ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Chiif Oliseeguu Obaasaanjoon sirna baniinsa yaa’ii Maree Biyyaalessa Itiyoophiyaarratti argamaniiru.
Collummaa, gaarummaa, duudhaa fi seenaa ummattoota Itiyoophiyaa jajuun abdii ifaa ummata biyyattii milkeessuuf mariin biyyaalessaa eegalame waan ijoo ta’uu eeran saganticharratti argaa dabarsaniin.
Yaa’ii ijaarsa sirna diimokiraasii fi tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamuuf gahee guddaa qabu ta’uu kaasan.