Afaan qawween aangoo qabachuuf yaaluun yaadama yeroon irra darbeedha –Ittaanaa Dura Taa’aa Paartii SBA

Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaatti Afaan qawween aangoo qabachuuf yaaluun yaadama yeroon irra darbeedha jedhan Ittaanaa Dura Taa’aan Paartii Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa obbo Malkaamuu Tsaggaayeen.

Itiyoophiyaatti waggoottan muraasa asitti sirni siyaasaa jiru hammataa fi hirmaachisaa ta’aa jiraachuu kan eeran obbo Malkaamuun, dhimma biyyaarratti hundi qixa akka hirmaataan dirreen siyaasaa mijataan uumamuu kaasan.

Kana dura naannoleen tumsitoota jedhamuun hirmaannaa siyaasaa dhabanii turan, yeroo ammaa qixa dhimma biyyaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsan.

Qabsaa’onni biyya keessaa fi alaatti hidhannoon qabsoo taasisaa turan mootummaa jijjiiramaan booda haala mijataa umameen gara biyya keessaa galuun qabsoo karaa nagaa itti fufuu dubbatan.

Itiyoophiyaan adeemsa diimokiraasiin biyya cimtuu ijaaruuf hojjetaa jiraachuu himuun, carraalee jiru kanneen cinaatti dhiisuun afaan qawween aangoo qabachuuf yaaluun adeemsa finxaalessummaa ta’uu ibsan.

Garaagartee jiran mariin hiikuun filannoon injifachuuf carraa bal’aan osoo jiruu hidhannoon bosona galuun fudhatama kan hin qabneedha jechuu isaanii ENA’n gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment