Finfinnee, Adoolessa 16, 2018( FMC)- Afrikaan humna oomishaa dabalatee carraalee hedduu qabdi jedhan Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.
Yaa’iin ragaalee Afrikaa 14ffaan bakka qaamoleen imaammata baasan fi hoggantoonni dhaabbilee garaagaraa, ogeeyyiin qorannoo akkasumas qaamolee qooda fudhattootaa argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Fitsum Asaffaa wayita kana humna oomishaa dabalatee carraalee hedduu kan qabdu Afrikaan qormaatilee hedduu dura dhaabachaa jirti jedhan.
Qormaatilee kanneen furuuf qorannoon ragaa irratti hundaa’e barbaachisaa ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan gama Kanaan hojii cimaa hojjechuu eeraniiru.
Ragaa amanamaa maddisiisuun imaammata biyyaalessaa galtee taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Daayrektarri Olaanaan Qorannoo Imaammataa Fiqaaduu Tsaggaa gamasaaniin, Afrikaatti misoomni hammataan akka jiraatuufi galmoonni waloo ardichaa akka milkaa’aniif ragaaleen qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Afrikaan qormaatilee namtolchee fi uumamaa irratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuun furmaata kennuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, Inistiitiyuutichi rakkoolee hawaasaa furuufi misooma hammataa mirkaneessuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Wandimmuu Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia