Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii keessatti teessoo dhaabbataa dhabuun haq-maleessummaa dhaabbilee idil-addunyaa kan calaqqisiisudha jedhan Barreessaa Ol’aanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez.
Konfiransiin 10ffaan Gamtaa Afrikaa fi Mootummoota Gamtoomanii wiirtuu Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jira.
Antooniyoo Gutareez wayita kana akka jedhanitti, walitti bu’iinsa hirisuun guddinaa fi badhaadhina mirkaneessuuf carraaqqiin Afrikaan kan dinqisiifamuudha.
Naannoo Daldala Bilisaa dabalatee innisheetivoota adda addaa Afriikaa jajuun, Afrikaan socho’ii addunyaa keessatti gahee olaanaa akka qabdu hubanna jedhaniiru.
Afrikaan seenaa fi hojimaata addunyaa haq-maleessa ta’een miidhaa ishee irra ga’e sirreessuuf carraaqqii gootu deeggaruuf kutannoo qabaachuus ibsaniiru.
Waraana Addunyaa Lammaffaa booda, yeroo biyyoonni Afrikaa hedduun gabrummaa jala turanitti dhaabbileen idil-addunyaa hundaa’an, Ardattiin Mana Maree Nageenyaa keessatti teessoo dhaabbataa akka hin arganne gochuun isaanii sirrii akka hin taanes kaasaniiru.
Rakkoolee Afrikaa furmaata Afrikaatiin hiikuuf innisheetivoota jalqabaman deeggaruun barbaachisaa ta’uu dubbachuu isaanii ENA’n gabaaseera.
Afrikaan albuudota murteessoo fi diinagdee magariisaa irratti humna guddaa akka qabdu eeruun, qabeenya ishee irratti sona dabalataa uumtee haala gabaa addunyaatti ittiin dhihaattu uumuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia