Ambaasaaddar Lamlam Fissahaan xalayaa muudama isaanii dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaaf dhiyeessan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) –Gamtaa Afrikaatti Ergamaa dhaabbiin Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Lamlam Fissahaan xalayaa muudama isaanii dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuufiif dhiyeessaniiru.

Wayituma kan qaamoleen lamaan dhimmoota ijoo Ardii, idil addunyaa fi gamtichaarratti mari’ataniiru.

Muuxannoo fi beekumsi Ambaasaaddar Lamlam qaban hariiroo fi tumsa Itiyoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa caalmaatti kan cimsu ta’uu Mahaammud Alii Yuusuuf dubbataniiru.

Deeggarsa itti fufiinsa qabu Itiyoophiyaan Gamtaa Afrikaaf taasiftu dinqisiifachuun, Itiyoophiyaan filannoo nagaa fi haqa qabeessa gaggeessuu ibsan.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa dhimmoota Ardichaa fi idil addunyaarratti Itiyoophiyaa waliin tumsaan kan hojjechuu ta’uu dubbachuu ragaan gamticharraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Lamlam Fissahaan gama isaaniin, Itiyoophiyaan dhimmoota Ardii fi Idil Addunyaarratti Gamtaa Afrikaa tumsuuf murannoo cimaa qabaachuu mirkaneessaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa waliin tumsaan hojjechuuf qophummaa qabaachuu himan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment