Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajata 2018 dhiyeessaa jiru.
Ammas taanaan qaama qalbii jijjiiratee karaa nagaa nan qabsaa’a jedheef balballi nagaa hin cufamne” jedhan Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan.
Mootummaan waan hunda caalaa nageenya mirkaneessuufi olaantummaa seeraa kabachiisuuf xiyyeeffannoo olaanan kennee hojjechaa jiraachuu kaasan.
Nageenya dhabuu jechuun boqonnaa sammuu waaqni uumamaan dhala namaa badhaase madaalasaa akka hin eegganne taasisa, miira tasgabbiin uumama waliin jiraachuu balleessa, tattaaffii dhalli namaa guddinaafi jijjiramaaf taasisu kamiinuu kan danqu ta’uu dubbataniiru.
Biyya keenyatti rakkoolee dhiibbaan idil addunyaa uume akka carraatti fayyadarnuun humnoonni baandaa ta’aniifi seenessa boodatti hafaa leellisan nagaafi tasgabbiin naannicha keessatti akka hin uumamne wixxirfachaa jiraachuus kaasan.
Mootummaan ammas taanaan qaama waamicha karaa nagaa fudhatee karaa nagaan nan qabsaa’a jedhee qalbii jijjiirateef balbala nagaa bane kan hin cufne ta’uu ibsan.
Tsahaay Gulummaa fi Abeel Nawaayiin
#Oromia #Ethiopia