Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Baajanni bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara baajataa 2019 Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 2 ol ta’uun ragga’eera.
Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Walga’ii Idilee 4ffaa bara hojii 5ffaa marasaa 3ffaa gaggeessaa jiruun wixinee baajataa dhiyaaterratti mari’ateera.
Haaluma kanaan baajata bara hojii 2019’f Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 2 fi miiliyoona 200 fi miiliyoona 70 ol ta’uun dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera.
Baajanni ragga’es kan bara hojii xumurameen yoo madaalamu Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 52. 26’n caalmaa qabaachuu ibsame.
#Oromia #Ethiopia