Itiyoophiyaatti babal’inni buufataalee xiyyaaraafi ijaarsi iddoowwan gahumsaa haaraan guddina diinagdeefi tuurizimii biyyattiif akkasumas walitti hidhamiinsa idil-addunyaaf faayidaa olaanaa bahachaa jiru.
Kunis qabeenya Itiyoophiyaan qabdu walitti fiduuf dandeettii uumeera. Hojii waggoota saddet keessatti hojjetame qofa yoo ilaalle xiyyeeffannoo mootummaan ida’amuu damichaaf kenne hubachuuf nu gargaara.
1. Buufataalee haaraa ijaaramaniifi eebbisiifaman:-
A. Buufata Xiyyaaraa Gadaa Nagallee Booranaa:-
Daldala daangaa ce’aa, bittaafi gurgurtaa qabeenya beelladaafi tuurizimii aadaa Godina Booranaa sadarkaa olaanaatti guddisa jedhameetu amanama.
B. Buufata Xiyyaaraa Goree Mattuu:-
Naannawichi oomisha bunaafi bosona uumamaan kan beekamu waan ta’eef buufatichi daldala bunaafi sosochii diinagdeef dadammaqiinsa guddaa uumeera.
C. Buufata Xiyyaaraa Miizaan Amaan፦
Hawaasa naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaaf filannoo geejjiba qilleensarraa uumaa jira.
D. Buufata Xiyyaaraa Goobbaa( Baalee Roobee)፦
Tajaajila geejjiba uummataa dabalataan paarkii gaarreewwan Baalee dabalatee iddoowwan hawwata tuurizimii Kibba Baha Itiyoophiyaa akka keessummeessuuf buufata xiyyaaraa haaraa ijaaramedha.
E. Buufata Xiyyaaraa Naqamtee (Kumsaa Morodaa)፦
Sosochii daldalaafi geejjibaa Wallaggaafi Lixa Itiyoophiyaa saffisiisuuf ijaaramuun tajaajila kennaa jira.
F. Buufata Xiyyaaraa Dabra Maarqoos፦
Walitti hidhamiinsa uummataafi daldalaa uummata godina Goojjam Bahaafi naannawichaa guddisuuf kan ijaaramedha.
2. Buufatalee Xiyyaaraa sadarkaa olaanaan haaromfaman:-
A. Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee( Babal’ina Tarmninaala imaltootaa) ፦
Waggaatti lakkoofsa imaltootaa gara miiliyoona 22 kan guddisedha.
B. Buufata Xiyyaaraa Jimmaa( Abbaa Jifaar) ፦
Ijaarsi terminaalaafi sadarkaa ka’umsa balallii isaa guddisuun irra deebiin kan ijaaramedha.
C. Buufata Xiyyaaraa Jigjigaa (Garaad Wiilwaal)፦
Terminaalli haaraan fi hojimaanni haaraan diriirfamuun sadarkaan isaa kan guddifame.
D. Buufata Xiyyaaraa Goondar (Atse Teewoodiroos)፦
Filmaata geejjibaafi kooriidarii tuurizimii kaabaa dadammaqsuuf fooyyessiin kan godhameefidha.
E. Buufata Xiyyaaraa Aarbaa Minci፦
Tuurizimiifi walitti hidhamiinsa naannawichaaf akka mijatutti sadarkaan isaa kan fooyya’e.
F. Buufataalee xiyyaaraa Asoosaafi Gaambeellaa፦
Bu’uuraaleen misoomaa nageenyaafi teeknooloojii isaanii akka ammayyaa’an godhameera.
3. Piroojektoota Gurguddoo adeemsa ijaarsaarra jiran:-
Buufata xiyyaaraa idil-addunyaa guddicha Bishooftuu( Abuuseeraa) ፦
Baasii Doolaara biiliyoona 12.5’n Finfinneerraa fageenya kiiloomeetira 40 irratti kan ijaaramuufi boqonnaan jalqabaa wayita xumuramu imaltoota miiliyoona 60 dandeettii isaa guutuun ammoo miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 kan keessummeessu, buufata xiyyaaraa Afrikaa guddichi dhagaan bu’uuraa isaa kaa’amee ijaarsi isaa ifatti eegalameera.
4. Buufataalee xiyyaaraa naannolee haaraa፦
Magaalota xixiqqoofi giddugaleessatti tajaajila geejjibaa xiyyaaraa waliingahuuf hojiileen ijaarsaa eegalaman raawwii gaariirratti argamu.
Biyyattiitti iddoowwan garaagaraatti abbootiin qabeenyaa dhuunfaan ijaarsa buufataalee xiyyaaraa xixiqqaa irratti akka hirmaataniif waamicha mootummaan taasise hordofee hojiileen iddoowwan ijaarsaa adda baasuufi gara hojiitti galchuu hojjetamaa jiru.
Bu’uuraaleen misoomaa kunneen adda durummaa Itiyoophiyaan damee Aviyeeshiniin Afrikaarratti qabdu itti fufsiisuufi walitti hidhamiinsa tuurizimii, daldalaafi hawaasummaa biyyattii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee guddaa bahachaa jiru.
#Oromia #Ethiopia