Finfinnee, Caamsaa 9, 2018(FMC) –Magaalaa Shaggar kilaastera Sulultaatti hiriirri deeggarsaa Paartii Badhaadhinaa kutaalee Magaalaa Mana Abbichuufi Sulultaa hirmaachise Istaadiyeemii Kutaa Magaalaa Sulultaatti gaggeeffameera.
Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan sagantaa kana irratti argamuun ergaa dabarsaniin Paartiin Badhaadhinaa qormaatilee mudatan carraatti jijjiiruun utubaa sirnaafi ijaarsa biyyaa kan dhugoomseefi kanaanis kabaja lammiilee akkasumas seenessa waloofi bu’uuraalee misoomaa dagaagsuun injifannoowwan gurguddaa kan galmeessedha jedhan.
Mootummaan amma jiru hiyyummaa dhabamsiiisuun wabii nyaataa mirkaneessaa jiraachuu dubbatan.
Sirna federaalizimii dhugaa hirmaannaan Sabootaafi sab-lammootaa keessatti mirkanaa’e ijaaruun injifannoowwan gama dippiloomaasii,dinagdee, misoomaan gonfachiisuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti kan ceesise ta’uu ibsan.
Mootummaan Badhaadhinaa Damee Tuurizimiifi tarsimooo magaalomsuu hojjeteen addunyaarratti beekamtii akka aragate himan.
Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenya taatee Afrikaa irratti uumuuf paartichi ni hojjeta jedhan Aadde Saadaa Abdurahmaan.
Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu gama isaaniitiin Paartiin Badhaadhinaa qormaatilee mudatan qolachuun milkaa’inoota dhaloota boonsan argamsiisuun waadaa gochaan kan dhugoomseera jedhan.
Bulchaan kutaa Magaalaa Sulultaa Obbo Kumaa Hundee Paartiin Badhaadhinaa biyya fiixee bittinnaa’uu irra geesse baraaruun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti kan jijjiiredha jechuun ibsan.
Guutaa Owwaatatiin
#Oromia #Ethiopia