Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) –Barataa AAntii Mitikkuu koorsiiwwan 49 keessaa koorsiiwwan 35 A + koorsiiwwan 13 ammoo A galmeessuun Yuunivarsiitii Odaa Bultumirraa meedaaliyaa Warqeen eebbifame.
Barataa Aantii Mitikkuu Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti Muummee Saayinsii Meedikaal Laabiraatoorii barataa ture.
Koorsiiwwan 49 keessaa koorsii 35 A+, koorsii 13 immoo A, koorsii tokko qofa A- galmeessuun qabxii waliigalaa 3.99 fiduun eebbifame.
Yeroo hunda kaayyoo ofii beekuun yerootti sirnaan fayyadamuun milkaa’uun ni danda’ama jedhe barataa Aantii Mitikkuun.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia