Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Barri 2018 bara roga hundaan bu’aa gurguddoon itti galmaa’anidha jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromoyaa obbo kaffaloo Tafarraa.
Obbo Kaffaaloon yaadaa fi gaaffii miseensoota Caffeerraa dhiyaataniif deebii kennaniiru.
Hojiileen xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu qaban kan akka quusanna, dhaweessummaa babal’isuu, carraa hojii darggagootaaf uumuu fi kanneen biroorratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Filannoon waliigalaa 7ffaan hirmaannaa uummataa, hoggansaa fi qooda fudhattootaan milkaa’uu danda’uu dubbatan.
Nageenya waliin walqabatee bara kana aarsaa guddaa kaffalameen fooyya’iinsi mul’ateera jedhan.
Ammas hojiileen hafan hedduu jiraachuu kaasan.
Nageenyi humnaan dhufu fulla’iinsa hin qabatuu jedhan.
Mootummaan karra banaa godhe,rakkoo naannoo Oromiyaa keessa jiru akka furamu cimsee hojjechaa jiraachuu kaasan.
Waanti afaan qawween wal ni fichisisu hin jiru, qaamooleen wareegama hin malle kaffalaa jiran karaa nagaan akka galan waamicha dhiyeessaniiru.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia