Finfinnee, Adoolessa 24, 2017(FMC) – Guyyaa har’aa sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon kan dhaabamaa jiru biqiltuu qofa osoo hin taane, walin jireenya, jaalalaa fi tokkummaadha jedhan kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo irratti argamuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Aadde Adaanech wayituma kana akka dubbatanitti, sagantaa Ashaaraa Magariisaan seenaan hojjetamuu eegale itti fufeera.
Biqiltuuwwan dhaabamaa jiranis nyaataaf ooluu irra darbanii magaalattiif gaaddisaa fi miidhagina, qulqullinaa fi hawwattummaa turizimiif faayidaa guddaa kennaa jiraachuus kaasaniiru.
Balaa lolaa magaalattii irraa qolachuunis gumaacha guddaa akka qaban dubbatan.
Hojii seena qabeessa dhalotaa dhalootatti darbu kanaan uwwisni bosonaa magaalaa Finfinnee waggaa 6 dura %2.8 irra ture gara %22tti ol guddachuus ibsaniiru.
Uwwisa bosonaa magaalattii kana bara 2018tti gara %30 tti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jirus dubbatan
Karoora guyyaa tokkoof qabanne utuu hin milkeessin manatti deebi’uu akka hinqabne kan hubachiisan aadde Adaanech, kan dhaabamaa jiru waliin jireenya, jaalalaa fi tokkumaa waan ta’eef jabaannee jabaannee haa hoojennu jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin.