Finfinnee, Caamsaa 30, 2018 (FMC) – Ogummaa loltummaa ammayyaa horataniin birmadummaafi kabaja biyyaa kabachiisuuf wareegama kamiinuu kaffaluuf qophiidha jedhan eebbifamtoonni qondaaltota waraanaa Mana Barumsaa Leenjii Qondaaltota Kaadhimamoo Huursoo.
Manni Barumsichaa guyyaa kaleessaa qondaaltoota waraanaa kaadhimamoo marsaa 27ffaaf leenjisaa ture eebbisiiseera.
Itti aanaan Ajajaa Dhibbaa Zakkaariyaas Abaatee akka jedhanitti, leenjii ammayyaa Mana Barumsichaatti argataniifi muuxannoo qaban fayyadamuun raayyicha cinaa hiriiruun ergama biyyaa itti kenname kamiinuu gahumsaan raawwachuuf qophiidha.
Daangaa Itiyoophiyaa irratti bobba’uun faayidaa biyyaafi lammiilee kabachiisuun tajaajiluun isaanii ergama itti kenname gahumsaan raawwachuuf muuxannoo guddaa akka argamsiiseef kan ibsan ammoo Itti aanaa Ajajaa Dhibbaa Taaddalaa Naanniyyooti.
Leenjiin argatan ergama yeroo itti aanutti irraa eegamu gahumsa olaanaafi gootummaan akka bahataniif murteessaa ta’uus kaasaniiru.
Itti aantuun Ajajaa Dhibbaa Maastawaal Ballaxaa gamasaaniin, miseensonni dubartootaa Raayyaa Ittisa Biyyaa qormaata kamiyyuu keessa ta’anii gootummaafi gahumsa olaanaan birmadummaa Itiyoophiyaa akkasumas nageenya lammiilee mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Itti aantuun Ajajaa Dhibbaa Hewaan Amaanis gara hoggansaatti cehuun itti gaafatamummaa guddaa biyyaafi uummataa fudhachuu akka ta’e ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Biyya isaanii diinota alaafi keessaa irraa eeguuf akkasumas olka’iinsa Itiyoophiyaafi uummata ishee mirkaneessuuf wareegama kamiinuu kaffaluuf qophii ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia