Itiyoophiyaan Wiirtuu Quubsuma siyaasaa naannichaa ta’uun laga Abbayyaa fi Galaana Diimaa wajjin walitti hidhata cimaa qaba.
Qaamoleen bishaanii gurguddoon lamaan kunneen guddina dinagdee, wabii nageenyaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa keessatti gahee murteessaa qabu.
Akkuma lagni Abbayyaa madda misoomaa, qabeenyaa fi itti fufiinsa Itiyoophiyaa ta’e, karri galaanaas guddina dinagdee, nageenya biyyaalessaa fi dhiibbaa qubsuma siyaasaa cimsuuf bu’uura kan ta’uudha.
Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fayyadamummaa qabeenya bishaanii biyyattii mirkaneesseera. Hidhi kun humna ibsaa maddisiisuun guddina dinagdee Itiyoophiyaa deeggaruu qofa osoo hin taane, biyyoota ollaa gidduutti walitti hidhamiinsa humna ibsaa uumuun gahee olaanaa taphachaa jira.
Karaa haqa qabeessaa fi madaalawaan fayyadamuu fi misoomsuun mirga qabeenya bishaanii ishee fayyadamuu mirkaneeffachaa jirti.
Akkuma bishaan Abbayyaa misooma Itiyoophiyaatiif murteessaa ta’e, Galaanni Diimaan karra galaanaa argachuu fi daldala addunyaa waliin Itiyoophiyaan qabduuf murteessaa ta’uun isaa hin falmisiisu.
Karrichi nagaa fi misooma naannichaatiifillee gumaacha olaanaa qaba.
Nagaa fi nageenya Galaana Diimaa eeguun fedhii Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuu fi tasgabbii naannichaa wajjiin kallattiin walqabata.
Misooma humna ibsaa laga Abbayyaa irraa argamuu cinaatti buufata doonii Galaana Diimaa argachuun nageenya naannichaa akkasumas daldala alaa fi keessaa Itiyoophiyaatiif barbaachisaadha.
Itiyoophiyaan komii fi hawwii waggoota dheeraa laga Abbayyaa irratti qabdu milkaa’ina Hidha Haaromsaa keessatti xumurteetti.
Dhimmi Galaana Diimaas ajandaa bishaanii Itiyoophiyaa kan dhiyeenyatti deebii argatu ta’ee ilaalama.
Jiruun fi itti fufiinsi Itiyoophiyaa bishaanota lamaan kana waliin akkaan walitti hidhata qabaata. Qabeenya bishaanii kana haala itti fufiinsa qabuun misoomsuu fi walitti hidhamiinsa naannichaa cimsuun faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf daandiidha.