Biyyi bu’aa yookaa hojii yeroo tokkoo qofaan hin jiraamtu.
Kan ijaaramtu walharkaa fuudhinsa dhalootatiin.
Tokkoon tokkoo dhalootaa imaanaa fudhate bahatee, ashaaraa isaa kaa’ee, dhaloota itti aanuuf dabarsa.
Seenaa Itiyoophiyaa yoo qorannu, biyyi har’a keessa jirannu, bu’aa wareegama dhiigaa fi dafqa dhaloota hedduuti.
Dhaloonni duraanii daangaa fi birmadummaa biyyaa eeguun tursiiseera.
Adwaa dabalatee injifannoo seenaa hedduu kan galmeessan abbootii fi haadholiin ergamni isaanii ijoon biyya diinarraa tiksuun tursuudha.
Isaan tokkummaa fi bilisummaa isheef wareegamuun biyya bilisa taate nuuf dabarsaniiru.
Dhaloonni baroota 1960 fi 70 mootaa ammoo caasaa siyaasaa fi hawaasummaa Itiyoophiyaa fooyyessuuf, carraa barnootaa dhalootaaf babal’isuu fi gaaffii walqixummaa deebisuuf wareegama hayyummaa olaanaa taasisaniiru.
Ijaarsa dhaabbilee fi ammayummaaf ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Dhaloonni har’aas Pirojektoota faayidaa biyyaalessaa olaanaa qaban jajjaboo ijaaruun birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.
Teeknooloojii diijitaalaa fi hojiilee kalaqaan biyya bara waliin walitti hidhuuf dhamaa jiru.
Akkasuma cabiinsa biyyattii muudate fayyisee darbuuf itti gaafatamummaa seenaa qaba.
Dhaloonni haaraan hojiilee jajjaboo dhaloota darbanii kabajuu, dogoggoraa fi garaagartee imala har’aaf barumsa taasifachuu qaba.
Seenaa guutummaan guutuutti diiguun bu’uura biyyaa raasa.
Tokkoon tokkoo dhalootaa teeknooloojii bara isaa, beekumsaa fi ogummaa fayyadamuun biyyaaf sona haaraa dabaluu qaba.
Ce’umsi aangoo fi itti gaafatamummaa dhaloota gidduutti walitti bu’iinsaan osoo hin taane mariin, sirnaa fi karaa nagaan akka ta’uuf hojjechuun murteessadha.
Ce’umsa nagaa cimsuun birmadummaa biyyaaf barbaachisaadha.
Kun akka milkaa’uuf hojiileen Komishinii Maree biyyaalessaan eegalaman akka xumuramaniif gahee keenya bahachuu qabna.
Biyyi fedhii dhuunfaa namootaa irratti osoo hin taane, dhaabbilee jajjaboo siyaasaa, diinagdee fi haqaa dhalootaa dhalootatti darban ijaaruuni.
Biyyi akka itti fuftuuf dhaabbilee itti fufiinsaan ijaaruun murteessaa waan ta’eefi.
Itiyoophiyaan fuulduratti ijaaramti ,amma akka gamoo gurguddoo ijaaramee hin xumuramneeti.
Dhaloonni kamuu gahee isaa kaa’a malee ijaarsa gamichaa qofaa isaa hin xumuru.
Hojiileen dhaloonni har’a hojjetu guutumman guutuutti dhaloota dhufuuf kan darbu ta’uu hubachuu qabna.
Jibbiinsa, walqooduu fi walitti bu’iinsa kan dhalchiifnu yoo ta’e, calcalliin walharka fudhiinsaa ni cita, Jaalala, Beekumsa , dhaabbilee fi misooma yoo dabarsine garuu birmadummaan Itiyoophiyaa barabaraan jiraata.
Biyyi kan bu’uuroftu dhaloonni dhaloota irratti wayita ida’amuudha.
Koottaa Biyya Ijaarraa.
#Oromia #Ethiopia