Biyyoonni Afrikaa diimokiraasii cichoomsuu walirraa barachuu qabu – Uhuuruu Keeniyaataa

Finfinnee, Caamsaa 23, 2018 (FMC) – Biyyoonni Afrikaa filannoon diimokiraasii cichoomsuu walirraa barachuu qabu jedhan Pireezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa
Uhuuruu Keeniyaataan taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa dursuun Itiyoophiyaatti argamu.

Biyyoonni Afrikaa sirna filannoon ijaarsa sirna diimokiraasii dagaagsuu walirraa barachuu qabu jedhan.

Hojiin filannoo taajjabuu Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu adeemsa filannoo hordofuurra darbee gumaachaa olaanaa qabaachuu kaasan.

Hojiin filannoo taajjabuu kun biyyoota miseensa ta’an gidduutti muuxannoo wal jijjiiruun dimokiraasii dagaagsuuf gahee qabaachuu eeran.

Biyyoonni Afrikaa sirna bulchiinsaa Ardii biroorraa fudhatan haala qabatamaa ardichaan hojiitti hiikuu akka qaban dubbatan.

Diimokiraasii Afrikaa fakkaataan jabeessuun qajeeltoo ‘Rakkoolee Afrikaaf furmaatawwan Afrikaa’ jedhu caalmaatti cimsuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment