Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC)- Biyyoonni rakkoo faayinaansii isaan mudachaa jiru dursanii ittisuu akka danda’aniif hojmaanni dhaabbilee faayinaansii Idil Addunyaa fooyya’uu qaba jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee.
Yaa’iin Michummaa Idil Addunyaa mata duree “Sirna Jarraa 21ffaa Madaalu ijaaruu” jedhuun Landanitti gaggeeffamaa jira.
Biyyoonni dhibbaa fi rakkoo faayinaansii isaan mudachaa jiru dursanii ittisuu akka danda’aniif, hojmaanni itti fufiinsa qabuufi furmaata fidu danda’u dhaabbilee faayinaansii idil addunyaan uumamuu qaba jedhan.
Addunyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa, qoqqoodiinsa qubsuma siyaasaa, dhiibbaa liqaa akkasumas rakkooleen walxaxoo biroo keessa jiraachuu ibsuun, rakkooleen kanneen keessattuu biyyoota guddinarra jiran kan miidhu ta’uu kaasaniiru.
Dandeettii miidhaa dandamachuu danda’u ijaaruu, Bilisummaa fi Badhaadhinni waloo kan walirraa hin foxxoqne ta’uu kan ibsan Ministirichi, biyyoonni imaammata diinagdee ofii isaaniin fayyadamummaa lammiilee mirkaaneessuuf bilisummaa gahaa yoo hin qabaanne guddina isaanii itti fufsiisuuf kan rakkatan ta’uu ibsaniiru.
Hayilamaariyaam Tagganyitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia